ONM-ABO Muddee 16, 2024
Akeekaaf kaayyoo qawwee dhukaasaniif homaa tokkollee kan hin beekne loltoonni Abiy Ahimed, guutuu Oromiyaa keessatti guyyuu qaqqaalii ilmaan Oromoo irbaata rasaasaa taasisuu itti fufanii jiru.
Aanaa Lataa Sibuu ganda Tulluu Incinnii jedhamu keessaa Muddee 14, 2024 loltoonni maafiyaan impaayerattii daa’ima maqaan isaa Maatiwoos Bookaa jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeessanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Akka maddeen himanitti, daa’imni kun nama umuriin isaa 13 ta’ee fi barataa kutaa 2’ffaa ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa maqaa sakatta’an bobba’an daandii gubbaatti sababa tokko malee rasaasa 3’n rukutuun madoo ulfaataa taasisuun, maatiin isaa hospitaala geessuun yaalamaa erga turee booda guyyuma kana waaree booda lubbuun isaa darbuu dubbatu.

