ONM-ABO Muddee 22, 2024
Akeekaa fi kaayyoo qawwee dhukaasaniif homaa tokkollee kan hin beeknee fi Abiy Ahimediin qofa gammachiisuuf kan hojjetan loltootni Bilxiginnaa guutuu Oromiyaa keessaa guyyaa guyyaan hawaasa nagaa irbaata rasaasaa taasisaa jiru.
Aanaa Dugdaa ganda Waldaa Qallinaa jedhamu keessaa Muddee 17, 2024 loltoonni sirna nama nyaataa PP daa’ima maqaan isaa adda hin baanee fi umuriin isaa 15 ta’e badii tokko malee bakka inni loon tiksutti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka maddeen himanitti, daa’imni kun dhalootaan uummattoota Kibbaa ta’uu himuun, nama maqaan isaa Xinnaa Gadaa jedhamu biratti miindeeffamee loon kan tiksu ta’uu dubbatu.

