Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Najjootti loltoonni faashistii PP barataa tokko haala suukkanneessaa ta’een ajjeesuun himame

ONM-ABO Sadaasa 25, 2024 

Dhiiga ol adeemaa ilmaan Oromoo dhangalaasee dhuguun kan mirqaanu warabessichi aduu saafaa waraanni koloneel Abiy Ahimed, godina Lixa Wallaggaa aanaa Najjootti barataa tokko haala suukkanneessaa ta’een ajjeesuun himamee jira.

Aanaa Najjoo ganda Guutoo Weennii jedhamu keessaa Sadaasa 23, 2024 ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa sakatta’iinsa jedhuun bobbaate gootichi WBO’n haxxee isaa keessa galfachuun hafuura ishee kutuun baqattee of duuba deebi’aa turte daa’ima maqaan isaa  Dinqaa Biyyanaa jedhamu badii tokko malee bakka inni loon tiksaa jirutti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii bira darbuu maddeen himan.

Daa’imni kunis nama siyaasa kam iyyuu hordofu akka hin taane ta’uu himuun, barataa kutaa 4’ffaa baratu daa’ima umurii 14 ta’uu dubbatu.

Onichatti waraanni sirnichaa ilmaan Oromoo sababa tokko malee ajjeesuu fi saamicha raawwatan cimsanii itti fufuun uummanni sodaa guddaa keessa galanii guyyaa du’a isaanii dabaree dabaree akka eeggachaa jiranis himaniiru.

Exit mobile version