ONM-ABO Sadaasa 15, 2024
Oromoon saba guddicha afaan, aadaa, seenaa fi qubsuma lafa mataa isaa saboota kanneen biroo irraa adda taasisu qabeenya gati jabeessa waliin qabaachuun kan beekamtuudha.
Haa ta’u malee qabeenyi fi jireenyi sabichaa saboota birootti hinaaffaa kaasuu irraa kan ka’e, dhaalmaa qabeenyaa isaatiif murnoonni dhufaa darbaan hawaasa nagaa kana irratti ajjeechaa, hidhaa, saamichaa fi manneen uummatichaa barbadeessuun lubbuu fi dhiiga namootaa dhangalaasuun teessumma aangoo isaanii eeggachuu irrattis argamu.
Sadaasa 14, 2024 Lixa Wallaggaa aanaa Najjoo ganda Yambal- Gaaraa- Olii jedhamutti guyyaa waaree dura waraanni sirna dhableeyyiin Bilxiginnaa dargaggoo maqaan isaa Saamu’eel Abbabaa Tarreessaa jedhamu mana maatii isaatti itti dhaquun gara laafummaa tokko malee ajjeesanii gatuun ibsameera.
Murni badii kun ilmaan Oromoo irratti ajjeechaa suukkanneessaa hedduu raawwachuun dachee Oromiyaa lafa qalmaa taasisee jira.

