Murni bilxiginnaa uummata Oromoo karaa Lixa Wallaggaa daangaa Beenishaangul Gumuziin daangessan irra jiraatan irratti hidhaa fi dhiibbaa adda addaa geessisaa jiraachuun dhagaa’ame.
ONM – ABO – Sadaasa 29, 2022 Murni maqaa mootummaan aangoorraa jiru bilxiginnaan bu’aa siyaasaaf jecha uummata Oromoo saboota biroo itti kaasuun waraansisuu fi karaan ittiin wal daangeessaniin hidhattoota isaa hedduuminaan seensisee tarkaanfiilee sukkaneessoo fudhachaa ture ammas itti fufee jira. Sadaasa 17, 2022 irraa qabuun Karaa naannoo daangaa Beenishaangul Gumuz waraana isaa kan galche PPn ilmaan Oromoo gabaa dhaqataa turan, kan daldalan, kan achi keessa jiraatanii fi hojii qonnaa hojjetanii of jireessan isin maaliif as dhuftan jechuun waan Oromoo ta’an qofaaf miidhaan irra ga’uun qabamanii dararamaa jiru. Jiraattotni kun naannoo Oromiyaa daangaa Beneeshangul Gumuz bakka ganda Guunfii, Amuuma, Waachuu, Jimaatee fi Mukarbaa keessa jiraataa kan jiraanii fi naannoo Beneeshangul keessaa ammoo ganda Baddeessaa jedhamu keessa kanneen jiraatan irratti akka ta’e barameera.
Sadaasa 17,2022 kana namootni Oromummaa isaaniin fo’amuun qabamanii hidhaman keessaa kan maqaa arganne Abbabaa Darajjee, Ayyalaa Qajeelaa, Jabanaa Namarraa, Habtaamuu Jabanaa, Indaaluu Ittaanaa, Addunyaa Miijanaa, Maatiyoos Kabbadaa, Maatiyoos Iyyaasuu, Yoonaas Iyyaasuu, Waaqjirraa Qusataa, Alamuu Shuummataa, Kifilee Dirribaa, Malaakuu Abarraa, Tamasgeen Taaddasaa, Dabalii Jabaanaa fi kanneen biroo dhibbootaan lakkaa’aman akka jiran Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffateera.

