ONM-ABO Adoolessa 20, 2024
Bilxiginnaan imphaayera Itoophiyaa keessatti olaantummaa sirna habashaa mirkaneessuuf jecha afaan, aadaa, amantii fi seenaa saba tokkoo leellisuu qofaaf ilmaan Oromoo bakka isaan socho’an hundaatti lukkeelee isaa itti bobbaasuun dhiibbaa jabaa geggeessuu hammeessaniiru.
Akkuma kanaan dura gabaasaa turre uummanni Oromoo naannoo Beenishaangul Gumuz keessa baroota dheeraaf hojii adda addaa seenuun hojjetanii kan jiraatan, saboota naannicha keessa jiran waliin wal danda’anii nageenyaan jiraachuu bira darbee walitti heerumsiisaa fi fuusisaa akka turan kan beekamuudha.
Haa ta’u malee baroota sirna EPRDF irraa qabee walitti bu’iinsi gosummaa aangaa’ota imphaayerattii bulchaniin bocamee dhibdeen uumamaa akkuma ture, bara bulchiinsa bilxiginnaa kanatti ammoo daranuu hammaachuun sabni Oromoo Oromummaa isaa qofaan yakkamee hidhata WBO qabdu jedhamuun hiraarfamaa akka jiran jiraattotni ONM’tti himaniiru.
Keessattuu dargaggoota Oromoo afaan Amaaraa dubbachuu hin dandeenye, naannoo Beenishaangul Gumuz bakkeewwan adda addaa irraa ergama Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jechuun dargaggoota hedduu guuranii konkolaataan fe’anii torban tokko irraa kaasanii daangaa naannoo Oromiyaatti gataa akka jiran dabaluun himaniiru.
Kanaan cinattis jiraattoonni magaalichaa kanneen sabaan Oromoo ta’an manneen hidhaa adda addaa irraa guuramuun gara mooraa leenjii waraanaatti ergamaa jiraachuun beekameera.

