ONM-ABO Bitootessa 20, 2025
Murni Bilxiginnaa nagaa fi tasgabbii waaraa uummata impaayerattii keessa jiraataniif buusuu irra oftuulummaan waraana keessaa hin baane keessa sabaaf sab-lammoota galchee dirree kufaatii keessatti uummanni dararamee akka jiraatuuf dibbee waraanaa miidiyaatti bahee oofaa kan oolu, har’as ilmaan Oromoo bakkeewwan isaan jiraatan cufatti ukkaamsee dirree waraanaatti guuruu hammeessuun, torban kana keessa qofa naannoo Beenishaangul Gumuz magaalaa Asoosaa keessaa ilmaan Oromoo baay’inaan 200 ol ta’an ukkaamfamuun ibsameera.
Mirga lubbuun jiraachuu uummata Oromoo sarbee yaadaa fi fedhii uummatichaan alatti akka looniitti bobbaasee galchuu kan barbaadu murni Bilxiginnaa duula waraanaa maqaa impaayerattii baraartuun yeroo yeroon labsee lubbuu daa’imman qaqqaalii kanneen biyyaaf abdii ta’an kuma dhibbootaan fixaa jira.
Maatii hedduu gadda sammuu baraan keessaa hin baane keessa galchee kan jiru har’as duula Kaaba impaayerattiif of qopheessaa jiraniif jecha guutuu Oromiyaatti ilmaan Oromoo ukkaamsuun cinatti ilmaan Oromoo naannoo biraa keessa jiraatan ukkaamsanii dirree waraanaatti guuru hammeessuun, naannoo Beenishaangul Gumuz magaalaa Asoosaa irraa guyyaa guyyaan namoonni hedduun ukkaamfamaa akka jiran ibsameera.

