ONM-ABO Guraandhala 1, 2025
Murni Bilxiginnaa ilmaan Oromoo qe’ee abbaa isaanii irratti dharaan yakkuun adamsee ajjeesuu, gaaffii seeraa tokko malee mana hidhaatti darbachuun hiraarsuu, fedhii isaanii malee dirqiin mooraa waraanaatti erguu fi sabaa fi sab-lammoota irraa addatti ilaaluun hordoffii irratti taasisuun ukkaamsuu cimsee itti fufeera.
Bifuma kanaanis ilmaan Oromoo dachee abbaa isaanii Oromiyaa keessatti maqaa hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun waraana Bilxiginnaan yakkamanii ajjeefamuu dheessuun gara naannoolee ollaa kan akka Beenishaangul Gumuzii fi Gambeelaa keessa hedduminaan akka jiraatan kan beekamu oggaa ta’u, murni garboomfataan Bilxiginnaa lukkeelee isaa jala bobbaasuun adamsee yeroo ammaa mana hidhaatti jumlaan guuruu fi dirqiin mooraa leenjiitti ergaa akka jirus beekameera.
Keessattuu yeroo ammaa kana jiraattonni Lixa Wallaggaa fi Qellem Wallaggaa irraa gara naannoo Beenishaangul Gumuz bulchiinsa magaalaa Asoosaa keessa jiraatan kanneen hojii humnaa irratti bobba’anii fi kanneen waajjiraalee murna garboomfataa Bilxiginnaa keessaa hojjetan Oromummaa qofaan qoodamanii hiraarfamaa jiraachuu jiraattonni ONM’f yaada isaanii qoodaniiru.

