Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Miseensi humna addaa Beenishaangul Gumuz tokko meeshaaf hidhannoo guutuu waliin WBO Ona Mana Sibuu keessa socho’utti harka kennate

ONM-ABO Amajjii 12, 2025 

Murni Bilxiginnaa qe’ee ilmaan Oromoo dhiigaa fi imimmaaniin guutuuf Oromiyaa dirree lolaa gochuuf ilmaan Oromoo dirqii fi maallaqaan goyyomsuun dirree Waraanaatti guuree qoraan ibiddaaf qophaa’e gochaa oola.

Waraanni sirnichaa humna addaa Beenishaangul Gumuz mooraa waraanaa Daalaatti jedhamu keessaa Amajjii 9, 2025 bahuun Waraana Bilisummaa Oromootti meeshaa guutuu  qawwee AKM tokko, rasaasaa AKM 90, gumbii AKM 3, waliin WBO’tti harka kennateera.

Miseensi humna addaa Beenishaangul Gumuz kan sabaan Oromoo ta’e kun jalqabumayyuu dirqamaan qabamee akka dhaqe dubbachuun kanaan durayyuu quunnamtii WBO dhaba akka keessa ture himuun nagaan WBO bira ga’uutti gammachuu guddaan kan itti dhagaa’ame ta’uus dubbateera.

Dhuma irrattis yaada isaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf akka ibsetti fedhii malee kanneen mooraa dabaan guutame keessatti jaalalaanis ta’e dirqiin tajaajilaa jirtan qawwee diinaa baachuun uummata keessan irratti miidhaa taasisuu dhiistanii yeroon isin sabaaf gaachana taatan ammadha waan ta’eef gara abdii fi wabii biyyaa kan ta’e WBO’tti harka kennachuun dirqama keessan ba’aadhaa jechuun dhaamsa isaa dabarfateera.

Exit mobile version