Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Miseensi Raayyaa Ittisa impaayerattii tokko naannoo Beenishaangul Gumuz irraa WBO’tti harka kennate

ONM-ABO Amajjii 26, 2025 

Mootummaa Faashiistiin PP ilmaan Oromoo dirqamaan bakkoota adda addaatii qabuun mooraa leenjii waraanaatti guuraa jiraachuun kan beekamu yoo ta’u, loltoonni dirqamaan ijaaraman kunneen ammoo sirna bututtuu Itiyoophiyaa kanneen dhiiga namoota qulqulluun ijaaramte hin utubnu jechuun guyyuu mooricha onsanii WBO’tti dabalamuu cimsanii itti fufaniiru.

Amajjii 22, 2025 naannoo Beenishaangul Gumuz mooraa Daalattii keessaa eegduun sirna PP tokko kan miseensa Raayyaa Ittisaa ta’e qawwee fi hidhannoo guutuun WBO ona Mana Sibuu keessa socho’utti dabalamuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa onichaa beeksisan.

Miseensi Raayyaa Ittisa impaayerattii kunis sababa Oromummaa isaa qofaaf gara jabeeyyii kaadiroota sirnichaa fi geggeesitoota waraanichaan shakkamuun mana hidhaatti dararamaa turuu himuun, murni Bilxiginnaa ilmaan Oromoo Miseensa waraanaa ta’an ija shakkiin ilaalanii ilaalcha sabummaan guyyuu ajjeechaa fi hidhaa irratti raawwatu jechuunis dabaluun ibseera.

Mooraa waraana sirnichaa keessaas meeshaa fi hidhannoo guutuun kan dhufe miseensi waraana Bilxiginnaa kun, gama waraana Bilisummaa Oromootiinis simannaa ho’aan isaaf taasifamuu fi jaalala WBO’n ilmaan namaaf qabanis ajaa’ibsifachuun miira isaa ONM’f ibseera.

Exit mobile version