Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Naannoo Beenishaangul Gumuz Aanaa Bildigiluu fi Lixa Wallaggaa Aanaa Mana Sibuu irraa miseensonni Raayyaa ittisa impaayerattii 3 WBO’tti harka kennachuun dhaga’ame 

ONM-ABO Gurraandhala 14, 2025 

Impaayerattii keessatti lammiileen fedhii isaanii malee ukkaamfamuun leenjii waraanummaa ga’aa tokko malee loltuu ta’uun teessuma siyaasaa sirnichaa eeguuf bobbaafaman hawaasa nagaatti bobba’uun saamicha daangaa darbee fi ajjeechaa suukkanneessaa raawwachuu jibbuun keessaa ganuun WBO’tti makamaa jiru.

Bifuma kanaanis Gurraandhala 12, 2025 godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu bulchiinsa magaalaa Beenguwaa keessaa miseensi Raayyaa Ittisa impaayerattii tokko Qawwee AKM Turkii 1, Rasaasa AKM 150 fi Gumbii 4 qabachuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo Onicha keessa socho’utti makamuun ibsameera.

Kana malees Naannoo Beeniishangul Gumuz aanaa Bildigiluu mooraa waraanaa Daalaatti irraa loltoonni faashistii PP lama cunqurfamuu uummata Oromoo jibbuun sirnicha ganuun WBO’tti makamaniiru.

Gama WBO’tiinis simannaa  ho’aa, kabajaa fi jaalala WBO’n isaaniif taasisetti kan gammadan miseensonni Raayyaa ittisa impaayerattii duraanii kunneen hiriyyootaa fi fakkaattota isaanii mooraa diina keessatti hafaniif yeroon isin sabaaf birmattan amma waamicha WBO’n isiniif taasisetti hirmaadhaa jechuun ergaa isaanii dabarsaniiruuf.

Exit mobile version