ONM-ABO Bitootessa 12, 2025
Loltoonni murna Bilxiginnaa lola guutuu impaayerattii keessatti adeemaa jiruun guyyaatti dhibbootaan dhumaa kan jiran, kanneen du’a seenaa hin qabne du’uun nurra hin jiraatu jedhan ammoo mooraa sirnichaa keessaa miliquun WBO’tti dabalamuu cimsanii itti fufaniiru.
Haaluma kanaan Bitooteessa 10, 2025 waraanni raayyaa ittisa impaayerattii tokko naannoo Beenishaangul Gumuz aanaa Bildigiluu mooraa ganda Daalattii keessaa miliquun WBO ona mana Sibuu keessa socho’utti makamuun addeeffameera.
Kana malees godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa keeessaa milishoonni sadii mooraa sirnichaa ganuun WBO’tti makamuun ifoomeera.
Loltoonni murna faashistii PP duraanii WBO’tti makaman kunneen naamusaa fi simaanna WBO’n godheef ajaa’ibsiifachuun kan ittis gammadan yoo ta’u, hiriyyoota isaanii mooraa impaayerattii keessatti hafaniinis yeroon isin qabsoo saba keessaniitti makamtan amma jechuun dhaamsa isaanii dabarsaniiru.

