Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Naannoo Beenishaangul Gumuz aanaa Daalattii irraa miseensi raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa 1 WBOtti makame

ONM-ABO Guraandhala 21, 2024

Mooraan dabaan ijaaramuun yakka duguuggaa sanyii Oromoo irratti taasisaa jiru diigamuun isaa itti fufuun yeroo ammaa bakkeewwan hedduutti miseensotni loltuu bilxiginnaa miliquun waraana bilisummaa Oromootti harka laattachuu jabeessanii itti fufaniiru.

Bifuma kanaanis Guraandhala 19, 2024 naannoo Beenishaangul Gumuz aanaa Daalattii bakka addaa Booqaa Qarree mooraa Booqaa jedhamuutii miseensi raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa 1 kan sabaan Oromoo ta’e meeshaa guutuun WBO bira ga’uun beekameera.

Loltuun duraan hojii loltummaan sirna PP tajaajilaa ture kun akka jedhutti, ilmaan Oromoo sababa Oromoo ta’aanii fi afaan Oromoo dubbatan qofaaf jibbamoodha kan jedhu yoo ta’u, mooricha cubbuun guute keessaas meeshaa guutuu qawwee AKM shariifoo 1, boombii harkaa lamaa fi hidhannoo tokko baasuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromootiif oolcheera.

Xumura irrattis miseensota waraana impaayera Itoophiyaa ta’aanii gara jabummaa saba Oromoo irratti agarsiisaa jiran, dhugaa sabaa hubachuun qawwee lammiilee qulqulluu irratti ol kaasuurra saba haqa qabuuf dhaabbachuun seenaa gaarii hojjedhaa jechuun dhaamsa isaas dabarfateera.

Exit mobile version