Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu kallattii daangaa Benishaangul Gumuziin duulli jabaan hidhattoota naannichaa fi raayyaa ittisa impaayerattiin uummata Oromoo irratti gaggeeffamaa jiru hammaate

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu kallattii daangaa Benishaangul Gumuziin duulli jabaan hidhattoota naannichaa fi raayyaa ittisa impaayerattiin uummata Oromoo irratti gaggeeffamaa jiru hammaate.

ONM – ABO – Muddee 27, 2022 Murni abbaa irree maqaa mootummaatiin barcuma aangoo impaayeera Itoophiyaa dhuunfatu jiru bilxiginnaan, uummata Oromoo irratti xiyyeeffachuun sabicha irra lafaa irraa duguuguuf guyya guyyaan tooftaa dha’achaa kan bulan yoo ta’u, yeroo dhiyoo kanaa asitti ammoo saboota biroo Oromiyaa daangessan sababoota gara garaa uumuun uummata Oromoo irratti dammaqsanii lola daangaa adeemsisaa jiru.

Oduma Lolaa Oromiyaa irratti taasifamaa jiruun wal qabatuun, lolli jabaan kallattii daangaa Beenishangul Gumuziin Oromiyaa irratti hidhattoota naannoo Beenishaangul Gumuzii fi raayyaa ittisa impaayerattiin uummata Oromoo godina wallaggaa Lixaa aanaa Mana Sibuu irratti taasifamaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Lolli uummata Oromoo aanaa Nana Sibuu irratti baname kun jabaatee itti fufuun Muddee 23, 2022 gandoota aanichaa kanneen akka Guunfii, Mukarbaa, Jimaatee, Waaccuu, Amuumaa fi ganda Facaasee jedhamtu keessatti kan adeemsifame yoo ta’u, lolichis kaleessaan guyyaa sadaffaa kan lakkoofsisee fi guyyoota sadanuu uummati qe’ee isaa irraa baqatee akka jiru addeessaniiru.

Waraanni gandeen uummati keessa baqate kana keessa labaa jiran qabeenya uummataa saamaa, caccabsaa fi horii ammoo qalachaa kan jiran ta’uun dubbatameera.

Waraana PP aanichatti seenanii saamaa jiran keessaa miseensi waraanaa miliqee WBOtti harka kennate tokko akka dubbatutti waraanichuma keessatti miseensonni waraanaa ilmaan Oromoo ta’an gidiraa hamtuu akka dhamdhamaa jiranii fi Jimaata darbe jechuun Muddee 23, 2022 ammoo miseensota waraanaa sabaan Oromoo ta’an 3 dhukkubsatanii deemsa dadhabnaan ajjeesanii bira darbuu Arraata Biyyaalessa Oromiyaatti himeera.

Gocha kana irraa waanti hubatamu sirnichi ilmaan Oromoo balleessuuf socho’aa jiraachuu isaa yoo ta’u, ilmaan Oromoo caasaa sirnichaa diriirsuuf gubbaa hanga gadiitti qooda fudhachaa jiran yeroon dammaqanii ofis ta’e uummata isaanii hin baraaran taanaan hireen isaanii dhuma irratti hiree miseensa waraanaa sana akka ta’u sabboontotni ni dubbatu.

Exit mobile version