Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hidhaan waraana raayyaa ittisa impaayerattiin gaggeeffamu, Lixa Wallaggaa aanaa Qilxu kaarraa keessatti jabaachuun himame 

ONM-ABO Fulbaana 11, 2023

Impaayera dulloome Itoophiyaa keessatti  murni aangoo irra jiru bilxiginnaan, gochoota farra namoomaa kan akeekni isaa bara bittaa koloneel Abiy Ahimed dheeressuu ta’e milkeessuuf, Ilmaan Oromoo irratti hidhaa, ajjeechaa fi saamicha daangaa hin qabne gaggeessaa jira.

Haaluma kanaan godina lixa Wallaggaa aanaa Qilxu Kaarraa keessatti waraanni sirnichaa  ji’a Hagayyaa irraa eegaluun, Kan duraa Caalaa namoota hidhaatti guuruun dararaa Kan jiran yoo ta’u, jiraattota ganda Waandii Daallee Kan ta’aan dargaggoo Damee Hulluuqaa fi Abiraam Esiraa’eel Jedhaman sochii barii irraa taasisaniin qabuun hidhanii ji’a tokkoo oliif dararaa jiraachuutu himama.

Dabalataanis akka jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanitti, taateen ona Qilxu Kaarraa keessatti daldaltootaa fi abbootii qabeenyaa irratti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo tumsitu jedhuun gaggeeffamaa jiru ulfaataa ta’uu dubbatu.

Exit mobile version