Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa aanaa Qilxu Kaarraa keessatti jiraattotni manneen hidhaa keessatti baatilee dheeraaf dararamaa jiraachuun dhaga’aame

ONM-ABO Amajjii 24, 2024

Uummatni Oromoo yeroo ammaa kanatti rakkoo ulfaataa akka sabaatti argaa jiraachuun isaa Kan beekamu yoo ta’u, qaamoleen walabaa rakkoo sabichi Keessa jiru qoratan dhibuu irraan kan ka’e, gaaffii seeraa tokko malee ajjeefamuu fi saamamuun cinatti manneen hidhaatti kaadiroota PP tiin gatamuun baatilee dheeraaf dararaa argaa kan jiran danuudha.

Jiraataan ONM bulchiinsa magaalaa Qilxu Kaarraa irraa dubbise tokko rakkoo uummatni keessa jiru kan heeru, uummatni gandoota baadiyyaa fi magaalaa irraa qabamuun manneen haalaan dhiphoo ta’e keessatti hidhamuun dhukkuboota daddarboof saaxilamuun yaala malee kan jiran hedduu akka ta’aan kan himu, hidhamtootni kunneen furmaatni hatattamaa hin ta’uuf taanaan rakkoo fayyaatiif saaxilamuu malu jechuun dubbatama.

Kutaa xiqqaa tokko keessatti namoota baay’inni isaanii 40 ol ta’e akka hidhaman Kan himu, osoo mana murtitti hin dhiyaatinis baatilee 4 hanga waggaa kan turan danuu akka ta’aanii fi namoota nuti maqaa arganne obbo Taammanaa Shorroo Kan jedhaman baatii 4 oliif maqaa ilma keetu miseensa qeerroo bilisummaa Oromootiin dararamaa Kan jiruu fi abbaa gadaa Bultii Jaallataa kan jedhaman waggaa tokko asitti yeroo 3ffaaf hidhanii jiraachuun beekameera.

Exit mobile version