ONM-ABO Onkoloolessa 28, 2023
Yeroo itti impaayerri Itoophiyaa raafama hamaa keessa galtee jirtutti, kaadirootni PP abdii kutannaa ulfaataa keessa seenuun, qabeenya uummata Oromoo saamuun manneen magaalaa gurguddaa Oromiyaa keessatti ijaarrachaa jiraachuu fi dargaggoota Oromoos Mana hidhaatti darbuun qorqalbii cabsaa jiru.
Lixa Wallaggaa aanaa Qilxu kaarraa keessatti hiraarfamni lammiilee nagaa irratti jabaachuun dheengadda Onkoloolessa 25, 2023 Waraanni maafi’aa PP bulchiinsa magaalaa Qilxu kaarraa irraa gara ganda Baafannoo Qoorrachee jedhamutti sochii maqaa sakatta’iinsa WBO jedhuun taasisaniin obbo Bulaa fi obbo Dabalaa Ittaanaa jalaa puulii lamaa fi qabeenya mana guutuu saamuun gara magaalaatti akka deebi’anis maddeen keenya himan.
Yakka tokko malee baatiilee dheeraadhaaf ilmaan hiyyeessaa hidhanii maqaalee hedduu itti moggaasuun dargaggoota maqaan isaanii Lammeessaa Daani’eel, Abdii Amanuu, Yaa’iqoob Girmaa, Boonaa Baqqalaa, Gammachiis Eebbaa fi Milkeessaa Faqqadee jiraattota magaalaa keessaa yeroo dheeraaf hidhamanii jiran yoo ta’u, ganda Waatoo Daallee jedhamutti dheengadda Onkoloolessa 25, 2023 Waraanni maafi’aa PP bobba’uun namoota maqaan isaanii Guddinaa Almaadii, Abdiisaa Amanuu, Gaaddisaa Almaadii, Gamtaa Baay’isaa Gammachuu Ifaa fi Boonsaa Taarraqeeny Jedhamanis qabanii magaalaa Qilxu kaarraa keessatti hidhanii jiraachuunis himame.
Waraanni faashistii PP kunneen ganda Baafannoo Qoorrachee fi ganda Daandii Guudii keessaa qabeenya uummata konkolaataa sadiin Kan fe’atan yoo ta’u, namoonni qabeenyi jalaa saamame, Fayyisaa kamisoo, Geetachoo Bayyanaa, Yooseef Qajeelaa, Mulgeetaa Garbaa, Qajeelaa Bayyanaa, Taariikuu Garbaa fi Bantii Aagaa yoo ta’aan barattoota maqaan isaa Daannoo Sandaabaa Ofga’aa fi Toleeraa Yohaannis jedhaman qabuun eessa akka geessan hin beekamin jira.

