ONM-ABO Sadaasa 17, 2023
Ajjeechaan ilmaan Oromoo irratti qindaa’uun yeroo ammaa Oromiyaa Keessatti sochii murni bilxiginnaa taasisaa jiraniin lubbuun ol adeemtotaa dhuma Kan jiru yoo ta’u, dheengadda Sadaasa 15, 2023 lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeel ganda Haroo Keessatti dargaggoo maqaan isaa Naasir Jiraa jedhamu kan dhalootaan magaalaama Baabboo Gambeel ta’e waraanni Maafi’aa PP akka ajjeesan jiraattooni dubbatu.
Gochootni waraannii fi kaabinootni sirna PP waliin hawaasa nagaa irratti gochaa jiran daran jabaachuun lixuma Wallaggaa aanaa Qilxu kaarraa Keessatti Sadaasa 9, 2023 jiraattota magaalaa Qilxu kaarraa walitti qabanii wal-gayii teessisuun maatii qabsaa’otaa fi namoota sabboonummaa qaban Kan baay’inni isaanii 55 ta’e maqaa isaanii waamuun tarkaanfiin akka isaan irratti fudhatamu dubbachuun yeroo ammaa miidhaa irratti qaqqabsiisaa jiraachuun himame.
Tarkaanfiin ajjeechaa fi saamichaa irratti labsamuun namoota maqaan isaanii Obboo Geetachoo Jigii, Isiraael Ittaanaa, Sanbataa fufaa, Ummataa dhinaa, Tolosaa Faradaa, Yohannis Birruu, Addunyaa Tottobaa, Indaargee Ittaanaa, Fiqaaduu Qajeelaa, Birraatuu Gurmeessa, Gammachiis Geetachoo fi Taammanaa Shorroo jedhaman warreen baay’inni isaanii 55 ta’e keessaa Kan maqaa arganneedha.
Sadaasa 15, 2022 manneen maatii qabsaa’otaa Kan ta’aan mana obbo Addunyaa Tottoobaa fi obbo Bulaa Tottoobaatti duuluun qabeenya mana guutuu waraanni faashisti PP akka saaman Kan himan jiraattotni, mana obboo Addunyaatii qabeenyaa qarshii 1,50000tti tilmaamamu yoo saaman, mana obboo Bulaa keessaa ammoo uffannaa yeroo cidhaa fi qabeenyaa hedduun akka saamame maddeen dabaluun ibsu.

