Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa ona Baabboo Gambeel fi Qilxu Kaarraa Keessatti dararaa yoo hammeessan ona Gimbii keessatti ammoo ajjeechaan itti fufe

Godina Lixa Wallaggaa ona Baabboo Gambeel fi Qilxu Kaarraa Keessatti dararaa yoo hammeessan ona Gimbii keessatti ammoo ajjeechaan itti fufe.

ONM-ABO Hagayya 17,2022 impaayeeratti bulchaan jira jedhu bilxiginnaan tibba kana maqaa biqiltuu dhaabuu fi piroojektoota eebbisuun uummataa fi dhaabbilee gargaarsaa idil addunyaa goyomsuuf yaalus, duguggaa sanyii fi dararaa ilmaan Oromoo irraan akka gaa’aniif waraanni Abiy Ahimed bobbaase hojii manaa isaa cimsanii raawwachaa jiru.

Waraanni PP ona Baabboo Gambeel ganda Boondaa Gulufaa jedhamu irraa bobba’uun uummata aanaan Qiltuu Kaarraa fi Baabboo Gambeel irraa gabaa ba’ee walii irraa bituu fi walitti gurguruun jiraatu akka isaan walitti hin deemne gochuun dararaa jiru.

Keessattuu Hagayya 16,2022 waraanni sirna kanaa bakka addaa Laga Toobee jedhamutti walitti dhufuun Bishaan guddaa uummaatni aanaa lamaanii irra ce’uun wal quunnamu riqicha addaan kutanii uummata maatiin wal keessa jiru addaan baasuun dhiibbaa irraan ga’aniiru.

Oduu biraatiin ammoo godinuma Lixa Wallaggaa ona Gimbii ganda Tolee keessatti poolisootni humna addaa Amaaraa dhiheenya kana qubsiifaman ilmaan Oromoo manaa baasanii bakka addaa Jaatamaa jedhamutti ajjeesaa jiru.

Haaluma kanaan Kamisa darbe Hagayya 11,2022 aanaa Gimbii ganda Tolee kana keessatti nama badii tokko keessa hin qabne obbo Kabbadaa Waaqjiraa kan jedhaman, maanguddoo waggaa 60 fi abbaa ijoolle 11 kan ta’e bakka leenjii humnoota finxaaleyyii Amaaraa Jaatamaa jedhamutti geessuun ajjeesanii hanga ammaa reeffi isaa maatiif hin kennamin jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.

Humni poolisootni humna addaa Amaaraa kun torbee darbe aanuma Gimbii ganda Joogir bakka addaa Bulul jedhamutti dargaggoo Caalaa Magarsaa badii tokko malee ajjeesanii gatan.

Bulchinsa magaalaa Gimbii keessatti gaafa Hagayya 14, 2022 kaabineen bulchinsa magaalaa Gimbii Kifluu jedhamuun beekamu nama nagaa Takluu Waldasanbat jedhamu karaa irratti doqdoqee itti buusun mataa isaa ergaa dhagaa irratti kuffiseen booda maatiin yeroo birmatanii dhaqanitti dhiisaa mana yaalan isiinif geessa homtuu na wajjin hin deemina jechuun konkolaata kaabinootaa keessa erga ka’een booda fuudhe deemun osoo hospitaala hin geessin bosona keessatti ajjeessee gate.

Reeffi isaa guyyaa lama erga ala oolee buleen booda maatiin guyyaa Kaleessaa Hagayya 16,2022 bakkee irraa kaafatanii awwaallatan jechuun jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.

Itti dabaluunis achuma magaalaa Gimbii keessatti nama Deebii Ittafaa jedhamuu reebicha hamaa erga irran ga’aniin booda maallaqa 4000 fi bilbila tachii harkaa tokko irra fudhachuun haadha mana isa ammoo gudeeduuf yeroo jedhanitti haatii mana isaa iyyuudhaan yeroo ollaan birmaatu dhiisanii bira deemaniiru.

Abbaa Hoteelaa Habtaamuu jedhamu fi maqaan hoteela isaa Yerusaalem jedhamu beekamu itti seenuun namoota siree qabatanii bulanii irraa waan isaan qaban kan saamanii fi mi’oota hoteela keessaas kan caccabsan yoo ta’u abbaa qabeenyichaas Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabda jechuun doorsiisa jirus jedhaniru.

Dargaggoo Abraaham Dhiyaanoo erga Waraanni Bilisummaa Oromoo magaalaa Gimbii seenee tarkaanfi diina irratti fudhatee kaasee situ nutti waame jechuun murtii malee waajjira poolisiitti baatii tokko oliif hidhanii darara jiru jechuun maatiin dubbataniiru.

Waraanni murna bilxiginnaa Oromiyaa bakkoota hundaatti ilmaan Oromoo deebisanii misoomaan gad dhaabuu irraa rasaasaan ajjeesuu fi mana hidhaatti dararuu tooftaa waraanaa godhatee akka jiru ni beekama.

Exit mobile version