Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hospitaala Waliigalaa Ciroo keessatti hanqina bakka ciisichaan uummatni teessuma irra ciisee tajaajilamaa jiraachuun dhagaa’ame

Hospitaala Waliigalaa Ciroo keessatti hanqina bakka ciisichaan uummatni teessuma irra ciisee tajaajilamaa jiraachuun dhagaa’ame.

ONM-ABO Hagayya 22,2022 Murni bilxiginnaa sobaan badhaadhina faarsus lammiilee impaayeerattii rakkoo tajaajila gama hundaa isaan mudachaa jiruun daran balaaf saaxilamaa akka jiran haala qabatamaa amma impaayeerattiin keessa jirtu irraa hubachuun ni danda’ama.

Hospitala waliigalaa magaalaa Ciroo kan uummatni Oromoo godina Lixa Harargee harki caalu itti fayyadamu keessatti rakkoo bakka ciisichaa dhukkubsattootaa mudateen dhukkubsattootni kutaa yaalii keessaa fi bakkoota garaagaraa keessa teessumaa akkasumas wantoota garaagaraa lafa hafanii irra ciisuun dhukkuba irratti dhukkuba dabalachaa akka jiran maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.

Akka maddeen haala hospitaalli waliigalaa magaalaa Ciroo kun keessa jiru ilaaluun jedhanitti yeroo ammaa dhukkubsattootni hospitaalichatti baay’achuun kutaan ciisichaa waan hanqateef rakkoon kun hammaachaa jiraachuu ibsuun keessaayuu ilmaan Oromoo gammoojjii godina Lixa Harargee keessaa sababa beelaan dhibeef saaxilaman hedduun hospitaalicha irraa yaala dhabuun dararaa argaa jiraachuu dabaluun addeessaniiru.

Murni bilxiginnaa torbeedhaan waa’ee qamadii alatti erguu fi olola boojinee akkasumas barbadeessinee malee hin dubbanne, rakkoo fayyaa hawaasaa jechuun du’atii ilmaan namaa hir’isuuf meeshaalee fi qorichoota tajaajila fayyaaf gargaaran guutuu irraa, rasaasaa fi loltoota Oromiyaa mara irra bobbaasuu irratti akka hojjetu ni beekama.

Uummata irraa ilaalcha dhabuu murna bilxiginnaan kan ka’e uummatni tajaajila fayyaa fi gargaarsa garaagaraa dhabee kan manatti dararaa argaa jirus hedduu ta’uu maddeen dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version