Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Harargee Aanaa Ciroo keessatti hidhattoonni Bilxiginnaa midhaan uummataa ooyiruu irraa mancaasuun dararaa ulfaataa geggeessaa jiraachuun dhagaa’ame 

ONM-ABO Fulbaana 16, 2025 

Godina Lixa Harargee aanaa Ciroo araddaa Sheek Aadam ganda Usmaan Muusaa jedhamu keessatti hidhattoonni sirnichaa bakka addaa Gaara Maraataa jedhamu bulanii ganama bariin ooyiruu qonnaan bultootaatti bobba’uun boqqolloo isaanii gariin nyaachuun gariin ammoo ciranii jalaa balleessuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Hidhattoonni kunneen baay’inaan 200 ol ta’uu kan himan jiraattonni gandichaa, gama maraan ilmaan Oromoo irratti gochaawwan hammeenyaa raawwachiisuuf jecha murni Bilxiginnaa kan bobbaase ta’uu fi sababa galaa ittiin sochoonu hin qabneef kan keessan nyaanna jechuun jalaa balleessuu  eeraniiru. 

Hidhattootni kunneen gandicha keessatti saamicha dabalatee gochoota gara jabeenyaa hedduu raawwachaa kan jiran yoo ta’u, torbanuma darban kana keessa namoota nagaa 7 mana isaaniitii qabuun dararaa ulfaataa erga irratti raawwataniin booda nama maqaan isaa Aliyyii Ibraahim Yusuuf jedhamu irratti ajjechaaa suukkanneessaa kan raawwatan yommuu ta’u, namoota kaan immoo reebicha jabaa irratti raawwachuun hidhanii firaa fi maatii isaanii irraa dhorkaa jiraachuu isiniif gabaasnee turuun keenya ni yaadatama.

Kana malees manneen uummataa seenanii qodaa buqqisuun nyaata uummatni ilmaan isaaniif ol kaawwatan fuudhanii nyaachuu, akkasumas tokko tokkoon manneen hawaasaa irra deemanii jimaa, sigaaraa fi buna akkasumas nyaatas nuuf dhiheessaa jechuun uummata doorsisaa kan turan cinatti osoo uummatni waan qabu itti guuraa jiruu saamichaa fi gochawwan fafaa hedduu jiraattota irratti raawwachaa oolu.

Exit mobile version