Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggootti hidhattoonni sirnichaa qonnaan bulaa tokko rasaasaan dhahanii madeessuun dhaga’ame 

ONM-ABO Sadaasa 2, 2025 

Godina Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo araddaa Gabbis jedhamu keessatti milishaan Bilxiginnaa tokko gaafa Onkoloolessa 25, 2025 qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Ahimad Abdullaahii jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun qaama isaa madeessuu jiraattonni araddichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Jiraattonni araddichaa ONM dubbise, akka ibsanitti qonnaan bulaan kun badii dalage tokkoo fi walitti dhufeenya jaarmiyaa siyaasaa kamillee kan hin qabne oggaa ta’u milishaan guyyaa guyyaan daba hawaasa gandichaa irratti adda durummaan raawwachaa oolu, Ibraahim Xaahir kan jedhamu rasaasa itti roobsuun kan madeesse ta’uu addeessaniiru. 

Aanicha keessatti ergamtoonni faashistii Bilxiginnaa milishaa irraa eegalee hanga bulchaa aanichaatti guyyaa gara guyyaatti amala fafummaa qabaniin bobbaafamuun qaama isaanii olii garaa ciibsuuf jecha daba ulfaataa hanga lubbuu baasuutti hawaasa irratti raawwatan cimsanii itti fufanii jiraachuun ni mul’ata.

Exit mobile version