Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Harargee Aanaa Shanan Dhuuggootti hidhaa, reebichaa fi saamichi loltoota sirnichaan qonnaan bulaa tokko irratti raawwatame

ONM-ABO Adoolessa 22, 2025 

Aanaa Shanan Dhuuggoo araddaa Qabsoo jedhamutti torbee darbe Adoolessa 17, 2025 milishoonni murni Bilxiginnaa hawaasa afaan qawween dararuu akka ciminaatti lakkaawwatan, qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Idirisoo Alishoo jedhamu ukkaamsuun “qarshii 10,000 akka kaffaltu jedhanii yoo didde gara dirree waraanaatti si geessina” jechuun doorsisanii qarshii 10,000 erga harkaa fuudhaniin booda, reebicha hamaa ta’e irratti raawwachuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu jiraattonni araddichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Qonnaan bulaan kun, hirmaannaa dhaaba siyaasaa kam keessaa kan hin qabne ta’us, badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf milishoota sirnichaan reebamee miidhaan qaamaa ulfaataan irra gahee qarshii saamamuun kan hidhaatti darbatame ta’uun ibsameera.

Aanicha guutummaa keessatti loltoonni goolessituun impaayerattii muddama impaayerattii mudataa jiru hordofuun, dargaggootaa fi qonnaan bultoota hojii idilee isaanii irraa ukkaamsuun fedhii isaanii malee afaan qawween ukkaamsanii gara mooraa leenjii waraana Bilxiginnaatti guuraa jiraachuun dabalataan ibsamee jira.

Exit mobile version