ONM-ABO Hagayya 3, 2025
Lixa Harargee Aanaa Shanan Dhuuggoo araddaa Haqaan Jiraataa keessaa Adoolessa 31, 2025 ergamtoonni Bilxiginnaa kanneen maqaa milishaa jedhuun waamaman qonnaan bulaa maqaan isaa Hasan Abdallaa jedhamu badii seeraa tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, qonnaan bulaan kun siyaasa dhaaba kam irraa walaba kan ta’ee fi maqaa “kaffaltii Sangaa Buusaa Gonofaa qarshii 500 fi kan hulaa manaa qarshii 500 hin kaffalle” jedhuun kan hidhan ta’uu dubbatu.
Uummata Oromoo dararee gadaa aangoo isaa dheereffachuu kan barbaadu koloneel Abiy Ahimed waraana isaa itti bobbaasee miidhaa gurguddaa geggeessa jira.

