ONM-ABO Ebla 17, 2025
Aanaa Shanan Dhuuggoo araddaa Gabbis jedhamu irraa torban darbe keessa gareen milishoota Bilxiginnaa poolisii sirnichaa Saajin Awwal jedhamuun kan hoogganaman, qonnaan bultoota maqaan isaanii:
- Abdallaa Rashaad,
- Aliyyii Mahaammad Abdullee fi
kanneen biroo hedduu ta’an badii tokko malee reebicha ulfaataa irraan gahuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, qonnaan bultoonni kunneen siyaasa kam keessa kan hin jirree fi badii seeraa tokkollee kan hin dalagne yoo ta’an, ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo” qabdu jedhuun yakkanii reebicha ulfaataa qaama laalessu irratti raawwachuun osoo isaan du’aa fi jireenya gidduu jiranii yaala fayyaa tokko malee hidhanii kan jiran ta’uu dubbatu.
Kana malees, aanaadhuma kana keessatti kan argamu bosona Gaara Qallinaa jedhamu kan bineensonni akka; Qeerransa, Gadamsa, Leencaa fi kanneen biroo hedduun keessa jiraatan “WBO’tu keessa jiraata” jechuun uummata godinaalee Harargee Lixaa fi Bahaa irraa dirqamaan walitti waamuun bosona kana cirsiisanii mancaasaa jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

