ONM-ABO Bitootessa 10, 2025
Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo araddaa Rahaa jedhamu irraa qonnaan bultoonni baay’inaan 12 ta’an lafti nagaadha jedhanii Bitootessa 8, 2025 gara aanaa deemuun waajjira bulchiinsa aanichaa deemuun “saamichi nurraa haa dhaabbatu” waan jedhaniif qofa battalumatti loltoota Bilxiginnaan ukkaamfamanii hidhaatti darbatamuu maddeen itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Siyaasa geggeessanii fi badii tokko kan hin qabne qonnaan bultoonni kunneen, sababa kaffaltiin gosa adda addaa kan jaleewwan Bilxiginnaa yeroo yeroon gaafatan irratti heddummateef waan maatii isaanii nyaachisan dhabuun gara aanaatti iyyachuu deemnaan qonnaan bultoota kanneen hidhanii jiru. Qonnaan bultootni kunneenis:
- Obbo Aliyyii Yuuyyaa,
- Obbo Eliyaas Jamaal,
- Obbo Abdallaa Mahaammad,
- Obbo Mohaammadee Ahimad,
- Obbo Yuusuuf Aliyyii fi
kanneen biroo baay’inaan 7 ta’an, mana hidhaa waajjira poolisii aanaa Shanan Dhuuggootti garmalee hiraarfamaa kan jiran ta’uun ibsameera.
Nama maqaan isaa Obbo Yuusuuf Aliyyii jedhamu irraa lukkeeleen Bilxiginnaa qarshii 10,000 irraa fudhachuun kan gadi dhiisan ta’uu fi aanicha guutummaa keessatti hawaasni rakkoo qabu dubbatachuuf mirga tokkollee kan hin qabne ta’uun ni himama.

