Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Harargee Aanaa Shanan Dhuuggootti ergamtoonni Bilxiginnaa qonnaan bultoota hidhaatti darbachuun maallaqa gurguddaa gaafachaa jiraachuun himame

ONM-ABO Caamsaa 14, 2025

Aanaa Shanan Dhuuggoo araddaa Barakaatti jaleewwan PP yeroo dantaan dhuunfaa isaanii itti hir’atu, saamichaaf sagantaa baafatanii uummata nagaa hiraarsuu itti fufuun Caamsaa 10, 2025 qonnaan bultoota maqaan isaanii:

  1. Obbo Mahaammad Xawwiil,
  2. Obbo Jamaal Sulee fi
  3. Obbo Shamsaddin Abraashoo 

jedhaman sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun hidhaatti darbatanii Caamsaa 11, 2025 ammoo qarshii 2,000 tokko tokkoon isaanii irraa saamanii gadi dhiisuu jiraattonni araddichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka jiraattonni araddichaa himanitti qonnaan bultoonni kunneen loltoota sirnichaan garmalee reebamuun qaamni isaanii miidhamuu fi yakka dalaganii badii itti taanaan lukkeelee Bilxiginnaaf qarshii kaffalanii hidhaa irraa ba’aniif kan hin qabne ta’uu dubbatu. 

Araddichaa fi aanicha guutummaa keessatti milishoonni fi jaleewwan Bilxiginnaa biroon yerooma fedhanitti waan hawaasni keessa hin jirreen hadheessuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa itti heddummeessuun qarshii gurguddaa irraa saamanii baasuun baratamaa ta’uun eeramee jira.

Exit mobile version