Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

PPn Sababa Filannoon Uummata Saamaa Jirti! – Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Harargee Lixaa aanaa Shanan Dhuuggoo keessatti, Caamsaa 17, 2025 irraa eegaluun, loltoonni fi kaadironni Paartii Badhaadhinaa (PP) maqaa “kaffaltii gumaacha filannoo” jedhuun, manneen jiraattotaa irra deemuun, nama tokko irraa qarshii 500 dirqamaan saamuu jalqabuun gabaafame. Jiraattota Ganda Haqaan Jiraataa keessaa; jiraattooti Mohaammad Aliyyii, Hassan Abdaallaa, Aliyyii Nuuree fi Abiraahiim Abdallaa jedhaman saamichi irratti gaggeeffamee jira.

Akka gabaasni kana dura nu dhaqabetti, araddaa Barakaatti, ergamtooti PP yeroo dantaan dhuunfaa isaanii itti hir’atu, sagantaa saamichaa baafatanii uummata nagaa hiraarsu fi saamuu hojii godhachuu isaaniiti. Haala kanaan qonnaan bultoota maqaan isaanii Obbo Mahaammad Xawwiil, Obbo Jamaal Sulee fi Obbo Shamsaddin Abraashoo jedhaman kijjibaan yakkuun hidhaatti darbatanii turuun ni yaadatama. Sana booda nama tokko tokkoon isaanii irraa Qarshii 2,000 saamanii gadi dhiisuu isaanii jiraattonni araddichaa himaniiru.

Exit mobile version