ONM-ABO Sadaasa 10, 2024
Ergamtoonni Bilxiginnaa faayidaa dhuunfaa isaanii qofa dursuun hawaasa meesha maleessatti bobba’anii dinagdee akkasumas qaamaa fi qalbii isaanii irratti miidhaa guddaa qaqqabsiisaa kan jiran yoo ta’u, godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaatti hawaasa nagaa saamuu, hidhuu fi reebuu cimsanii itti fufanii jiraachuun himamee jira.
Aanaa Daaboo Haannaa ganda Ifa Baas Cooree jedhamu irraa Sadaasa 6, 2024 irraa eegaluun lukkeeleen faashistii Abiy Ahimediin bobbaafamte uummata dararaa kan jirtu yoo ta’u, Sadaasa 7, 2024 ammoo namoota maqaan isaanii:
- Obbo Jamaal Aliyyii,
- Saalii Muusaa fi
- Ramadaan Muusaa jedhaman gandicha keessaa qabuun of biratti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka jiraattonni gandichaa himanitti, Saalii fi Ramadaan obboleeyyan yoo ta’an, ergamtoonni Bilxiginnaa kunneen Sadaasa 6, 2024 doqdoqqee jalaa gubuun isaaniin ammoo of biratti hidhanii dararaa jiraachuu dubbatu.
Kana malees, ergamtoonni kaayyoo bobbaafamaniif hin beekne kunneen dararaa hawaasatti hammeessuun ganduma kana irraa namoota maqaan isaanii:
- Abdallaa Hasan,
- Abdallaa Hasanee fi
- Abdii Abdallaa kanneen jedhaman irratti ammoo guyyuma kana reebicha hamaa irraan ga’uu fi Obbo Haarun Ibraahim kan jedhamu jalaa ammoo re’oota 3 saamanii jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

