Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Daaboo Haannaatti loltoonni bilxiginnaa doqdoqqee hawaasa nagaa  gubuun barame

ONM-ABO Sadaasa 8, 2024 

Afaaniin nagaa labsaa faallaa isaa immoo gochoota gara jabinaa tilmaama hin qabne uummata irratti raawwachaa kan jiran loltoonni faayidaa dhuunfaa isaanii qofaaf ajaja Koloneel Abiy Ahimediin hawaasa nagaa irratti bobba’an waraanni PP, hidhaa qabee hanga ajjeechaatti dararaa hamaa raawwachaa  jiru.

Gareen faashistii PP kun qabeenya namootaa saamuu fi mamcaasuu jabeessuun  godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaatti doqdoqqee hawaasa nagaa  gubuun barameera.

Aanaa Daaboo Haannaa ganda Ifa Baas Cooree jedhamu irraa loltoonni faashistii Abiy Ahimed hojii dabaa hawaasa nagaa irratti raawwatan jabeessanii itti fufuun Sadaasa 6, 2024 badii tokko malee namoota maqaan isaanii Saalii Muusaa fi Ramadaan Muusaa jedhaman jalaa doqdoqqee isaan qaban gubuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanitti, Saalii fi Ramadaan obboleeyyan hoggaa ta’an, siyaasa tokkollee kan hin hordofnee fi hojii dhuunfaa isaanii qofa hojjetanii kan jiraatan ta’anis, loltoonni faashistii Bilxiginnaa immoo, maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun yakkanii doqdoqqee isaanii maqaan isaa “Boxer” jedhamu ibiddaan gubanii deemaniiru.

Akkuma aanichaatti maqaa adda addaa itti maxxansuun yakkoonni gara jabinaa tilmaama hin qabne uummata irratti raawwachaa kan jiru ta’uun jiraattonni yaaddoo hamaa keessa galanii jiraachuun itti dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version