ONM-ABO Amajjii 20, 2025
Mootummaa gabroomfataan PP afaaniin nagaa labsaa kutaalee Oromiyaa cufa keessaa uummata Oromoo irratti duula duguuggaa sanyii labsuun loltoota isaa bobbaasee hawaasa nagaa rasaasaan tumsiisaa, adamsee ukkaamsuun hidhaatti guuraa, saamaa, ajjeesaa, qe’ee fi qabeenya irraa buqqisaa, mana irratti gubaa jira.
Aanaa Daaboo Haannaa ganda Ifa Baas Cooree jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa gama isaaniif danda’ame maraan dararuu amaleeffatan hiraarsaa hawaasa meesha maleessa irratti raawwatan akka ciminaatti lakkaawwachuu fi qaama isaanii olii gammachiisuuf manneen hawaasaa lakkoofsaan 100 ol ta’anii fi afoosha 2 kanneen Gololchaa fi Kombolcha jedhaman guutummaa irratti gubaatii raawwatanii jiraachuu jiraattonni ONM’tti himan.
Akka jiraattonni kunneen himanitti, uummanni gandichaa siyaasa kam keessaayyuu qooda kan hin qabnee fi hojii dhuunfaa isaanii qonnaa qofa irratti xiyyeeffachuun dalagatanii kan bulan ta’uu himuun, loltoonni goolessituun sirnichaa immoo maqaa “deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti, isintu nyaachisa” jedhu itti maxxansuun manneen jiraattota gandichaa jumlaan qabeenya mana keessa jiru hunda waliin barbadeessuu isaanii himu.
Yeroo ammaa kana jiraattonni kunneen buqqa’uun gara aanaa Cawwaaqaatti godaanaa kan jiranii fi sababa loltoota sirnichaan qe’ee fi qabeenya isaanii irra lubbuun jiraachuun isaanitti ulfaachuu irraa kan ka’e yaaddoo hamaa keessa jiraachuun dabalataan ibsameera.

