ONM-ABO Fulbaana 2, 2024
Murni garboomfataan PP faayidaa siyaasaa fi dinagdee isaaf jecha kaadiroota sirnichaa hammeenyaan guutuun saamichaa fi hidhaa irratti xiyyeeffatee hojjechuun cinaatti, kallattii biroon ammoo gowwomsaa fi badii tokko malee hidhuun hidhaa irraa baasuun mooraa leenjii Bilxiginnaatti guuraa jira.
Bilxiginnaan akka fedha isaaniitti, aadaa sabaa, kabajaa fi duudhaa Oromoo balleessuuf humnoota waraanaa ijaaraa jiruun yaaddoo ulfaataa hawaasichatti uumaa kan jiran yoo ta’u, godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaa ganda Qarqaa Dhidheessaa keessaa torban kana qofa dargaggoonni hedduun dirqiin guuramaa akka turan himameera. Kanneen keessaa Dargaggoo Riduu Tarrafaa jedhamu ammoo osoo maatiin duukkaa bo’anii dirqamaan akka butan jiraattonni ONM’tti himaniiru.
Koloneel Abiy Ahimed humna waraanaa isaatti fayyadamee sarbama mirgoota namoomaa jabaa Oromiyaatti labsuun loltoonni isaa hawaasa nagaa ajjeesaa, hidhaa, saamaa fi buqqisaa akka jiran jiraattotni ONM’tti himaniiru.

