ONM-ABO Adoolessa 31, 2023
Murni faashistii PP ilmaan Oromoo akka gaaffii mirgaa sirnicha irratti hin kaasneef hidhaa, ajjeechaa, saamichaa fi qe’ee irraa godaansisuu irratti raawwachuun qorqalbii cabsanii bittaaf akka isaaniif ta’utti hojjechaa jiru.
Godina Bunnoo Beddellee aanaalee akka Daaboo Haannaa, Cawwaaqaa, Cooraa fi Makkoo keessatti gochootni sarbamiinsa mirga namoomaa, saamicha, reebichaa fi hidhaan geggeeffamaa jiru jabaa ta’uu jiraattootni ibsu.
Aanaa Daaboo Haannaa gandoota akka Qarqaa, Cittuu Qarqaa fi Tuulamaa keessaa namoota 30 ol qabanii kan hidhan yoo ta’u, halkan halkan namootas reebaa akka jiran barameera.
Aanaa Cawwaaqaa keessatti ammoo warreen doqdoqqee oofan waraana bilisummmaa Oromoo karaa dabarsitu jechuu reebicha irraan ga’aa, maallaqa hanga 10,000 kafalchiisaa fi doqdoqqee qabanii hidhaa akka jiran maddeen himu.
Godina Bunnoo Beddellee aanota akka Makkoo fi Cooraa keessattis rakkoo wal fakkaataan waraanaa fi caasaa bilxiginnaan akka raawwachaa jiru maddeen himuun qonnaan bultootaaf xaa’oo kennuu dhiisuun rakkisaa akka jiran dabalanii ibsaniiru.

