Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaa keessatti doorsisni finxaaleeyyii Amaaraa  yoo raawwatu aanaa Cawwaaqaa keessatti ammoo saamichi uummata nagaa irratti jabaate

ONM-ABO Hagayya 5, 2023

Jiraattonni Amaaraa Oromiyaa keessa qubsiifamanii jiran daba adda addaa bulchitoota impaayerichaa waliin ta’uun uummata Oromoo irratti raawwachaa  jiran ammas itti fufuun godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaa ganda Dhidheessaa bakka addaa Safaraa jedhamutti wal gurmeessanii miidhaa Oromiyaa bakkoota garaagaraa keessatti qaqqabsiisaa jiran geessisuuf socho’aa jiraachuu jiraattootni dubbatu.

Gochoota farra Oromummaa kana namoonni raawwachisuuf socho’aa jiran abboota Amantaa, abbootii qabeenyaa isaanii fi bulchitoota aanichaa akka ta’e himu.

Oduu biraatiin ammoo godinuma Bunnoo Beddellee aanuma Cawwaaqaa  ganda Biiftuu jedhamu keessatti namoota murni bilxiginnaa waraana bilisummaa Oromoo fakkeessuun bobbaaseen uummanni saamamaa  akka jiru barameera

Namoonni saamicha geggeessan kunis  maqaan isaanii Magarsaa Umarii fi  Alamuddiin Awwaal kan jedhaman yoo ta’u,  uffanaa Poolisii humna addaa Oromiyaa uffatanii saamaa jiru.

Namni Suufiyaan Mahaammad jedhamu ammoo dabtara baankii irratti galfachuun maallaqa uummata irraa saame miliyoonaan akka qabu maddeen aanaa Cawwaaqaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version