ONM-ABO Onkoloolessa 13, 2023
Biyyoottan addunyaa irra jiran cufa keessatti wal falmiin siyaasaa karaa nagaa akkasumas qabsoon warraaqtotni abbootii irree dhabamsiisuuf godhan gaggeeffamaa kan turee fi kan jiru yoo ta’u, Bulchiinsota abbaa irrummaa dagaagsuuf socho’aa turan cufa keessatti garuu sirni yks abbootiin aangoo uummata lolanii fi qaama hidhatee isaan lolu qolachuu caalaatti uummata nagaa hiraarsan haga hardhaatti hin mullanne.
Hawaasa nagaa qaama siyaasaatti hin hirmaanne dirree tapha siyaasaa isaaniitti galchanii dhimma itti ba’uuf dararaa garaa garaa raawwachaa kan oolan murnootni Biltsiginnaan, godina Bunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaa fi Cawwaaqaa keessatti uummata nagaa hiraarsaa kan jiranii fi keessattuu dargaggootatti fuulleffachuun yeroo hundayyuu reebicha irratti gaggeessuu dabalatee rifeensa gogaatti irraa haadanii manneen hidhaatti darbachaa jiraachuun beekame.
Aanaa Daaboo Haannaa ganda Kombolchaa garee Daarimuu jedhamu keessatti Onkoloolessa 10, 2023 dargaggoota hedduu akka reebanii fi godinuma Bunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa keessattis ammoo maqaa mana barnootaa olmaa daa’immanii ijaarra jedhuun midhaan ardaba tokko tokko fiduu qabdu jechuun hawaasa dirqamsiisaa jiraachuu maddeen himuun, namoota gandoota baadiyyaa irraa buna gabaa geessuun gurguratanis bunni magaalaa akka hin seenne dhorkuus ifoomsan.

