ONM-ABO Bitootessa 27, 2024
Hidhaa, ajjeechaa, dararaa fi gubaatiin manneenii hamaan ilmaan Oromoo irra gahaa jiraachuun hawaasni Oromoo mirgaa fi kabaja namummaa mulqamee waraana koloneel Abiy Ahimediin hiraarfamaa jabaa keessa jira.
Akka kanaanis dheengadda Bitootessa 25, 2024 godina Bunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaa ganda Haannoo Gammoojjii jedhamu keessatti waraanni aanaa Cawwaaqaa irraa sochii maqaa sakatta’insa WBOn bobba’aan hawaasa nagaa saamuu fi reebicha irratti raawwachuun qabanii hidhaan hiraarsaa jiraachuun dubbatu.
Namootni qabeenyaan isaanii saamame maqaan isaanii Ahimaddiin Ahimed boqqolloo kuntaala 23, buna kuntaala 7 fi Dibicha tokko jalaa fudhachuun isas kan hidhan yoo ta’u, Geetachoo Suutumaa jalaa re’oota sadii fi midhaan kuntaala 5 fudhachuun isas reebanii miidhaa qaama irraan ga’uun hidhan.
Kana malees Ahimed kan jedhamu jalaa loon lamaa fi Muraad jalaa sangaa tokko fudhachuun laman isaanis hidhuu jiraattonni dubbatu.
Guyyuma dheengaddaa sana namoonni hidhaman maqaan isaanii Ifaa Qajeelaa, Sanbatoo Abdiisaa, Guyyaasaa Abdiisaa, Bulaa Amantee, Bantii Oliiqaa fi Addisuu Ayyalaa kanneen jedhaman qabuun aanaa Cawwaaqaatti hidhanii akka jiranis beekameera.
Ganda Ifabaas Coree irraa ammoo maqaa ilmi keetu miseensa qeerroo bilisummaa Oromootiin manneen 4 obbo Adam Muummee fi ilma isaanii Leencoo Adam jalaa qabeenyaa keessa jiru waliin guutummaa guutuutti gubuun barbadeessanii jiraachuu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffateera.

