ONM- ABO Amajjii 13, 2024
Aanaa Cawwaaqaa ganda Burqaa Barakaa keessatti Amajjii 12, 2024 namoota maqaan isaanii Kadir Naasiroo fi Ibsaa Mohaammed jedhaman reebicha jabaan waraana PPn irratti geggeefamee yeroo ammaa hidhamanii jiraachuun kan himamu, saamichis qabeenyaa isaanii irratti raawwachuun Obbo Kadir jalaa Zayiita qarshii 3000, buustuu zayitaa qarshii 1000n kan bitamu, maallaqa qarshii 41,000 fi meeshaalee mana keessaa hedduu jalaa saamuun himame
Maqaa ilma keetu miseensa qeerroo bilisummaa Oromootiin haadha tokko Kan maqaan ishee Marjaam Adam jedhamtu hidhanii dararaa kan jiranii fi obbo Abdurramaan Hassan ammoo cuupheen morma isaa irra waraanuun yeroo ammaa hidhanii akka jiraan beekameera
Oduu hidhaa fi gubaatii qabeenyaan kan wal qabatu, godinuma Bunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaa ganda Ifabaas Coree Keessatti obbo Leencoo Adam jalaa Ruuzii 200kg ,boqolloo 100kg fi daakuu hedduu jalaa yoo guban,obbo Naasiroo Yaasiin jalaa ammoo loon 2,re’ee 3 kan jalaa saamanii fi obbo Muktaar jedhamu irratti ammoo reebicha ulfaataa akka raawwatan maddeen Arraata Biyyooleessa oromiyaatti himaniiru.

