Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Beddelee aanaa Makkoo keessattti jaarsi biyyaa tokko ajjeefamuu fi aanaa Cawwaaqaa keessatti hidhaa fi dararaan waraana faashistii PP’n jiraattota irratti jabaate


ONM-ABO Ebla 27, 2024

Sirni bilxiginnaa uummata gabroomsee afaan qawween bulchuuf jecha ajjeesuu, hidhuu, saamuu fi hiraarsuu hojimaata godhatee Oromiyaa keessatti dararaa ulfaataa geggeessaa jiru jabeessee jira.

Akka kanaanis aanaa Cawwaaqaa ganda Daabanaa keessatti waraanni PP uummata hidhuu itti fufuun Ebla 17,  2024 namoota torba maatii isaanii irraa yakka tokko malee maqaa WBO waliin hidhata qabduun hidhee jiraachuun kan himamu yoo ta’u, hidhamtoota kunneen keessaa namoonni 4 dhiirotaa fi sadii shammaran ta’uun beekameera.

Namoota hidhaman keessaa muraasni kan maqaa arganne: Saadiyyaa, Ibiroo Muusaa fi Aammaddin Shaafii dabalatee kanneen maqaan nu hin geenye keessatti kan argaman yoo ta’u, qarshii 15,000 ammoo obbo Aammaddiin jalaa akka saaman jiraattonni himan.

Oduu ajjeechaan wal-qabatuun ammoo aanaa Makkoo ganda Shaarkoo bakka addaa 7’ffaa jedhamutti waraanni faashistii PP jaarsa biyyaa kan ta’e obbo Aliishoo Abdallaa (Abbaa Musxafaa) nama jedhamu Ebla 23, 2024 rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuun beekameera.

Obbo Aliishoon nama ganna 60 fi Jaarsa biyyaa namoota araarsu, hawaasa naannoo isaa biratti jaallatamummaa guddaa qabuudha. Maanguddoo kana qe’ee fi qabeenyaan isaas hedduun saamamuu fi sangaan tokkos jalaa waraana faashistii PP’n qalamee akka nyaatame himameera.

Exit mobile version