ONM-ABO Ebla 19 ,2024
Bilxiginnaan warraaqsa uummata Oromoo butuun aangootti dhufe oolee osoo hin bulin qe’ee Oromoo irratti labooba ibiddaa kaasuun hawaasa jireenya dhuunfaa isaa jiraatu ilaalcha siyaasaan yakkee hidhuu, ajjeesuu, qe’ee irraa namoota buqqisuu fi manneen irratti gubuu jabeesse.
Akkuma kanaanis aanaa Cawwaaqaa ganda Daabanaa keessaa Ebla 17, 2024 namoota humnaan waraanni gabroomfataa PP bakki kun da’oo waraana bilisummaa Oromooti jechuun dirqiin uummata ganda tokkoo guutuu gara bulchiinsa magaalaa Cawwaaqaa buufata 2’ffaa fi 4’ffaatti geessuun qubsiisuun barameera.
Dabalataanis ganduma Daabanaa keessatti mana obbo Aliishoo Jamaalii fi Abdurhamaan Shaamilee jedhaman maqaa hariiroo WBO waliin qabduun qabeenyaa keessa jiru waliin guutuummaa guutuutti guban.
Ahimed Shaafii nama jedhamu irraanis reebicha jabaa erga ga’aniin booda qabanii kan hidhanii fi haadha ilmaanii kan taate Aashaa kan jedhamtu ammoo reebicha jabaa qaama ishee irraan akka ga’anis Arraanni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffateera.

