ONM-ABO Amajjii 15, 2024
Gareen saamichaaf of ijaare bilxiginnaan Oromiyaatti humnoota waraanaa bobbaasee saamicha daangaa hin qabne Oromoo irratti geggeessaa Kan jiru, dharaan yakkee namoota hidhuu,doorsisa maqaa WBO waliin hariiroo qabda jedhuu jabeessuu fi reebicha raawwatuun jiraattota miidhaa qaamaaf saaxiluu irratti argama.
Aanaa Cawwaaqaa ganda Siree Guddoo keessatti caasaan bilxiginnaa gara-jabinaan uummata saamuu bare tibba kana lukkeelee isaa of dura buusuun mana jiraattoota irra deemanii,isin ajjeesna jechuun sodaachisaa maallaqa tokko tokkoo namootaa irraa qarshii 3200 irraa saamaa akka jirantu himama
Jiraattoota ganda Burqaa Barakaa keessaa ammoo Ammajjii 11, 2024 namootni maqaan isaanii Sulxaan Yuusuuf,Abdallaa Ahimed, Aliyyii Qaasim, Kamaaloo Suufiyaan fi Mohaammed Abdullaa namoota jedhaman dabalatee namoota baay’inni isaanii 10n ta’e qabanii reebicha erga irratti raawwataniin booda hidhanii dararaa jiraachuun beekameera.

