Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa keessatti waraanni faashistii PP uummata baadiyaa gara magaalaa deeman waraqaa eenyummaa malee seenuu hin dandeessan jechuun dararaa jiru

ONM-ABO Hagayya 14, 2023

Biyyi sabootaa fi sablammoota ishee keessa jiraatan kabajaa fi jaalalaan mirga isaanii kabajjee kan bulchitu yoo taatu, uummannis biyya isaa ni  jaal’ata.

Impaayera akka Itoopiyaa keessatti uummanni dachee isaa irra socho’uuf iyyuu sakatta’insi bakka meeqatti irratti geggeeffamuun namoota waraqaa eenyummaa hin qabne badii tokko malee hidhuun dararu.

Haaluma kanaanis godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa keessatti waraanni murna bilxiginnaa jiraattoota baadiyyaa aanichaa gara magaalaa aanaa deemanii daldalatanii jiraatan bakka addaa Nooraa Buufata lammaaffaa jedhamutti sakatta’insa maqaa garaagaraan irratti geggeessuun warra waraqaa eenyummaa hin qabne gariin hidhaa kaan ammoo reebicha irratti raawwachaa jiru.

Sababa kanaanis hawaasni baadiyyaa irraa gara magaalaa deemu maqaa hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhamuun waan hiraarfamaniif dhimma ofii isaaniif deemuu sodaachaa akka jiran barameera.

Murni caasaan isaa gubbaa hanga gaditti ijaarsi isaa diigame, gandoonni baadiyyaa cuftuu harka murnichaa waan hin jirreef, namoota kana irraan dhiibbaa adda addaa akka irraan ga’aa jiran maddeen Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version