Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaa keessatti waraanni PP manneen uummata nagaa 300 ol gubuun, hidhaa jumlaas raawwatan

ONM-ABO Sadaasa 12, 2024 

Uummanni Oromoo erga sirna alagaa jalatti kufee kaasee yeroo tokkof illee tole jedhee bulee kan hin beekne, humni weerartuun impaayera Itiyoophiyaa garuu waraana isaa madaala namummaa ilma namaaf hin qabne itti bobbaasuun, duguuggaa sanyii, saamicha, buqqaatii fi hidhaa waggaa dheeraaf meeshaa waraanaa taasifachuun irratti hojjechaa jira.

Bifuma kanaan godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa ganda Caffee magartuu jedhamutti waraanni badiisaaf deemtu  kun Sadaasa 10, 2024 ganama bariin itti bobba’uun manneen namoota nagaa maqaa isaanii dhoofnee fixuun hin danda’amne manneen abbaa warraa 300 ol abidda itti shidanii barbadeessanii jiru.

Namoota kessa jiranis guutummatti qabuun gara magaalaa aanaa Cawwaaqaatti geessanii hiraarsaa jiraachuu maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Aanichuma ganda Boolee jedhamu kan ganda Caffee Magartuu kanatti aantu sa’atiima wal fakkaataatti itti seenuun namoota manatti argan mara caccabsuun uummanni mana yaalaatti wal geessuuf rakkachaa kan ture yoo ta’u, manneen itti seenan keessaa ammoo qabeenya saamuun uummatni baaraagee bakka biraatti baqachaa jiraachuu odeessi achirraa nu qaqqabe ni addeessa.

Exit mobile version