ONM-ABO Sadaasa 20, 2024
Loltoonni marartoo tokkollee ilmaan Oromoof hin qabne kutaalee Oromiyaa cufa keessatti dararaa hamaa ta’e raawwachuu cimsanii itti fufanii kan jiran yoo ta’u, godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaatti hawaasa nagaa badii tokko malee hidhaatti darbachuu cimsanii itti fufanii jiraachuun ibsameera.
Aanaa Cawwaaqaa araddaa Caffee Magartuu bakka addaa Bacanqee jedhamu irraa ergamtoonni sirnichaa kanneen impaayera bututtuu suphuuf ifaajan Sadaasa 16, 2024 namoota maqaan isaanii:
- Saadiyaa Ibraahim,
- Firoomsaa Hasanoo,
- Hasanoo Adam,
- Adam Muusee fi kanneen biroo hedduu ta’an badii tokko malee hawaasa araddichaa walga’ii waamuun jiraattota kanneen sobaan yakkuun “deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhanii hawaasa keessaa qofaatti baasuun qabanii mana hidhaa waajjira poolisii aanichaatti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Lukkeeleen bilxiginnaa kunneen hawaasa nagaa gama isaaniif danda’ame maraan hacuucuun gammachuu cimaa argatan jiraattota araddichaa sobaan maqaa adda addaa itti maxxansuun manneen isaanii afoosha 3 guutummaatti ibiddaan barbadeessanii gubuu irra deddeebiin isiniif gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

