Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaatti loltoonni Bilxiginnaa dargaggoota ukkaamsuun leenjii waraanaatti guuruu fi hidhuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Sadaasa 15, 2024 

Ergamtoonni bilxiginnaa safuu, eenyummaa fi duudhaa Oromummaa tokko illee kan hin qabnee fi hin kabajne, dhiiraa fi dubartii osoo hin jenne Oromummaa hadheeffatanii mormuun waan ittiin hawaasa hojii isaa hojjetatee jiraatu yakkan barbaaddachuun namoota nagaa  ukkaamsanii hidhaatti darbachuu fi leenjii waraanaatti guuruun kaan qabanii achi buutee dhabamsiisaa jiru.

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa araddoota hunda irraa torban darbe irraa eegaluun loltoonni faashistii Abiy Ahimed dargaggoota jumlaan ukkaamsuun fedhii isaanii malee humnaan gara leenjii waraanaatti guuraa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Kana malees, ganda Daabanaa jedhamu keessaa Sadaasa 8, 2024 nama maqaan isaa Obbo Nuuree Mahaammad Abdurhamaan jedhamu qabuun “obboleessa keetu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira” jedhanii bosona keessa joorsaa ooluun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu  jiraattonni gandichaa ibsanii jiru.

Akka jiraattonni kun jedhanitti, Obbo Nuureen nama siyaasa kam keessaayyuu qooda hin qabne ta’uu himuun, hojii dhuunfaa isaa qofa hojjetatee nama jiraatuu fi  namoota waliin hariiroo gaarii kan qabu ta’us  ergamtoota bilxiginnaan sobaan yakkamee kana dura qarshii 150,000 saamamuu isaa fi loltoonni naamusa waraanummaa hin qabne kunneen aanicha keessatti uummata nagaa ba’aa fi  gala dhorkuun yaaddoo hamaa keessa galchanii kan jiran ta’uunis ibsameera.

Exit mobile version