ONM-ABO Waxabajjii 5, 2025
Bilxiginnaan dargaggoota gara dirree waraanaatti erguun, keessumaa daa’immanii fi jaarrolee dirqiin fedhii aangoo isaa akka eeganii fi mormii uummataa ukkaamsee bulchuuf humnaan waraanatti galchuu fi bobbaasuun uummata keessatti sodaa uumuu itti fufee jira.
Haaluma kanaanis Waxabajjii 3, 2025 ergamtoonni Abiy Ahimed kanneen dantaa dhuunfaa isaaniif jecha uummata Oromoo dararuu hojii idilee isaanii taasifatanii jiran, Buunnoo Beddellee aanaa Deeggaa ganda Sanaagaa Wacaalee keessaa namoota maqaan isaanii:
- Beekumaa Baqqalaa,
- Waaqumaa Dabalaa,
- Mazgabuu Amantee fi
kanneen biroo hedduu ta’an humnaan ukkaamsuun gara mooraa leenjiitti geessanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, jaleewwan PP kunneen umurii fi saalaan osoo adda hin baasin nama Oromoo ta’e kamiyyuu dirqamaan gara mooraa leenjii waraana impaayerattiitti oofaa akka jiran himaniiru.
Kana malees hawaasa waa’ee lolaa fi meeshaa waraanaa hin beekne hedduus dirqamaan meeshaa waraanaa itti kennuun leenjii tokko malee “WBO loluu qabdu, yoo hin lollu jettan ammoo isin ajjeesna” jechuun doorsisanii bosona keessa joorsaa kan oolan ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

