ONM-ABO Sadaasa 15, 2024
Murni dheebuu aangoo qabu Bilxiginnaan aangoo irra bubbuluuf jecha goleewwan Oromiyaa cufa keessaa ilmaan hiyyeessaa humnaan qabee ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruu itti fufee jiraachuun ni beekama.
Aanaa Dhidheessaa ganda Burqaa Jaalalaa jedhamu keessaa Sadaasa 11, 2024 namoota maqaan isaanii:
- Kaliifaa Ahimed Mahaammad,
- Abdullaziiz Ahimed Yaayyaa,
- Amad Abdallaa,
- Ibraahiim Abdallaa,
- Mahaammad Amiin Hajii,
- Huseen Waasim,
- Mahaammad Abdurhamaan,
- Mahaammad Abdallaa,
- Gaaddisaa Mahaammad,
- Annuwaar Zinaabuu jedhamanii fi kanneen biroo hedduu ta’an waraanni Bilxiginnaa qe’ee fi maatii isaanii irraa ukkaamsuun gara mooraa leenjii waraanaatti geessanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees waraanni Bilxiginnaa kunneen yeroo namoota kana butuuf deemanitti namoonni maqaan isaanii Naazii Jamaalii fi Nasiruu Abdii kanneen jedhaman fiiganii harkaa yoo ba’an, namni maqaan isaa Umar Mahaammad jedhamu ammoo osoo fiigee baqatuu qabamuun reebicha hamaa irraan ga’anii mana hidhaatti darbachuun qarshii 20,000 kaffaltu malee hin baatu jechuun itti roorrisaa kan jiran ta’uu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

