Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaatti caasaan bilxiginnaa jiraattota hidhaatti guuruu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Adoolessa 8, 2024

Ergamtootni bilxiginnaa afaan dhadhaa dibachuun jechoota kuulanii uummata Oromoo gowwomsaa guyyaa guyyaan immoo faallaa isaa ta’uun dararaa hamaan kan uummata irratti bobba’an, godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaatti jiraattota hidhaatti guuraa jiraachuun ibsameera.

Ganda Burqaa Barakaa jedhamutti Waxabajjii 22, 2024 “deggertoota WBO’ti” jechuun namoota maqaan isaanii:

  1. Ayyaantuu Awwal
  2. Jaafar Huseen
  3. Sheek Jamaal Aammee
  4. Abdii Jaafarii fi kanneen biroo hedduu ta’an badii tokko malee hidhanii dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa himan.

Onichatti mindeeffamtootni  PP hawaasa irratti gochoota gara jabinaa adda addaa tilmaama hin qabnee fi ulfaatoo ta’an raawwachaa jiraachuus itti dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version