Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaatti milishoonni reebicha jabaa jiraattota irratti taasisuun hidhaatti darbuu ONM odeeffateera 

ONM-ABO Adoolessa 1, 2024

Afaan qawween dirqisiisuun hojii akka feetee kan hojjetu sirni faashistii PP haala danqaa fi qorqalbii hawaasaa miidhu xiyyeeffachuun jiraattota hiraarsuu jabeesseera. 

Murni abbaa irree koloneel Abiy Ahimed caasaa bulchiinsaa fudhatama qabu diriirsee gaaffii siyaasaa sabootaas deebisuun hojiiwwan uummata fayyadu hojjechuu irra, bulchiinsa isa harkatti jibbame dirqiin uummata fudhachiisuuf  maqaa deggertoota WBO’ti jedhuun  uummata irratti dararaa fudhatu jabeessee jira.

Akkuma kanaan dheengadda Waxabajji 29, 2024 halkan toora sa’a 4:00’tti waraanni goolessaan PP godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa irraa gara araddaa Gabbiinaa bakka addaa Gadaa Saballee jedhamutti maatii hirriba irra jiru dammaqsuun reebicha irratti geggeessanii namoota lama irraan miidhaa qaamaa cimaa geessisuun himame. 

Namoonni milishoota faashistii PP’n reebaman Ahimed Alishoo fi Adam Xiqqaa kanneen jedhaman ogguu ta’an, Ahimad Alishoo ijni isaa tokko loltoota kanneeniin buruqeera. Yeroo ammaas mana hidhaa aanaa Cawwaaqaatti dararamaa akka jiran beekameera.

Exit mobile version