Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaatti waraanni faashistii PP humnoota finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo hidhachiisuu fi jiraattota irratti dararaa raawwatu jabeesse

ONM-ABO Waxabajjii 22, 2024

Jireenya hawaasaa hundee irraa siyaasaa fi misoomaan furuu irra  guyyuu murni kufee ka’uun ajandaa diigumsaa fi dhumaatii saba Oromoof hojjetu bu’aa warraaqsa Qeerroo fi Qarree butuun aangoo impaayeerattii harka galfatee kaasee Oromoota moggaatti dhiibuun dararuu jabeessee jira.

Erga rakkoon siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa cimaan  sirnicha mudachuu eegalee kaasees, hanqina bulchiinsa aangoo isaaniif furmaata kaa’uu dhiisuun jiraattota buqqisuu fi manneen irratti gubuun duudhaa fi safuu hawaasa Oromoo cabsanii saboota baroota dheeraaf hawaasicharraa gargaaramaa tures itti ijaaranii impaayerattii keessatti Oromoo hiraarsuu jabeessaniiru.

Akka kanaanis godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaatti bulchaan aanichaa uummata sanyiin Amaaraa ta’anii Faannoon ijaaramanii jiran meeshaa hidhachiisuu fi maallaqaanis bitachuun hidhatanii akka uummata Oromoo ittiin dhaananiif heyyama kennuufiin ifoomeera.

Aanicha ganda Dhidheessaa keessatti harka murna abbaa irree bilxiginnaan qawween gaafa Waxabajjii 17, 2024 garee finxaaleeyyii Amaaraatti hidhamee akka jirus himameera. 

Oduu hidhaan wal qabatuun ammoo Waxabajji 19, 2024 jiraataan ganda Hayiinoo Gammoojjii kan maqaan isaa Biraanuu Dhugumaa jedhamu halkan sa’a 8:00 irratti waraana PP’n qabamee dhabamsiifamuun beekameera.

Exit mobile version