ONM-ABO Adoolessa 11, 2025
Aanaa Meettaa Roobii ganda Warqee Waleensuu bakka addaa Gooroo jedhamutti ergamtoonni murna Bilxiginnaa Adooleessa 8, 2025 nama maqaan isaa Bookii Badhoo jedhamu jalaa horii gaanfaa 15 saamanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Kana malees, ilma Obbo Bookii maqaan isaa Kennaa Bookii Badhoo jedhamu osoo inni horii tiksuu reebichaa ulfaataa irraan gahanii hidhaatti darbachuun ibsameera.
Akka maddeen himanitti, namni kun hirmaannaa dhaaba siyaasaa kam keessaa kan hin qabne ta’uu himuun, akkuma aanichaatti dararaan ilmaan Oromoo irratti lukkeeleen Bilxiginnaan hawaasa nagaa irratti raawwatamu hammaatee jiraachuu dubbatu.
Mootummaan maqaa Oromoo dhahatee aangoo irra jiru Bilxiginnaan umuriin aangoo isaa kufaatiitti dhiyaachuu baruun uummata nagaa hojii isaa hojjetatee jiraatu “WBO deggerta” jechuun maqaa adda addaa itti maxxansuun saamuu fi hidhuun hawaasa jiilchee bulchiinsa isaa dheereffachuuf tattaafachaa jira.

